Adeemsi galmee lakkoofsa gabatee konkolaattotaa haaraan akkuma kanaan duraa naannoolee fi magaalotaatti gaggeeffama - Ministeericha
Adeemsi galmee lakkoofsa gabatee konkolaattotaa haaraan akkuma kanaan duraa naannoolee fi magaalotaatti gaggeeffama jedhe Ministeerri Geejjibaa fi Loojistiksii.
Lakkoofsi gabatee konkolaattotaa haaraan konkolaachiftoonni loogii tokko malee iddoolee fedhan akka socho'aniif qooda qaba jedhan Gorsaan Ministira Geejjibaa fi Loojistiksii obbo Kadilmaagisti Ibraahiim.
Tajaajila yeroo madaalu kennuurra darbee sharafa alaa hambisuun mancaatii qabeenyaa oolcha jedhan.
Sadarkaa biyyaalessaatti konkolaattoota bifa haaraan galmeessuun baay'ina konkolaattotaa adda baasuu, to'achuu fi nageenya mirkaneessuuf kan gargaaru ta'uu eeran.
Lakkoofsa gabatee fakkeeffamuun hojjetaman hambisuun rakkoolee bulchiinsa gaarii damichaan mul'atan to'achuuf kan dandeessisu ta'uu himan.
Koodiin 'ETH' jedhu kennamuufi eeruun, kunis seenessa waloo uumuu keessatti shoora mataa isaa bahachuun tokkummaa Itiyoophiyaa cimsa jedhan.
Lakkoofsi gabatee haaraan kun iccitii ragaalee qaamolee seeraa qofaaf tajaajilan qabaachuu kaasan.
Konkolaattonni Taaksiiwwanii, dhaabbilee daldalaa fi tajaajilaa biroon, akkasuma konkolaattonni mootummaa Istiikarii halluu qabuun adda kan bahan ta'a jedhan.

